The Hague, Mudde 10/12/09
.
Kuni kan gaafatame guyyaa mirgi dhala namaa guutuu addunyaa itti yaadatamee oolu deeggaruuf Workshop mudee 09/1209 taa’mee irratti fi hiriira ngayaa Mudde 10 bara 2009 biyya Netherlands magaalaa Den Haag ,The Hague keessatti bahani irratti ture.
Workshop kanaa fi hiriira nagaa kana kan qopheesse dhabata UNPO/Unrepresented Nations and Peoples Organization/ ykn/ Dhaaba ummata fi biyyaa sagalee hin qabneef falmuu/ dha.
Hiriira nagaa kana irratti kan argaman Afrikaa dabalatee gutummaa addunyaa irraa Saboota adda addaa gara 30 ol taéen hogguu taú ,kan mirgi isaanni sarbame sagaleen isaanni awwaalame cuuftuu walitti bahannii sagalee mormii isaanni tokkummaan dhaggeessisaa olanniru.
Mata duree sagaleen uummata bakka buúmsa hin qabnee haa dhagahamu jedhuun dhaabbati UNPOn kan qindaahe hiriiri kun ,uumata, sabaa fi sablammoota biyya isaanii keessatii mirgi isaanii sarbamee akka kabajamuufii sagalee tokkoon mootummaan Netherlands gaafataniiru.
Oromootni biyya Netherlandii fi biyya Belgium keessa jiraatan hiriira kana irratti argamanii sagalee uummata Oromoo mootummaa wayyaneetiin dhawwaalamee jiru akka dhagaahamuuf qooda gumaachan guddaa ture.
Hirriira kana irratti sabootni akka Oromoo rakkina biyya isaanii keessatti qaban walitti dhufuun gaggeeffame kuni namoota 1000 ol-irratti kan hirmaachise yoggu taú dhaamsa cimaas mootumaa Dutch itti dabarfataniru.
Hiriirri akka lakkofsa biyya Nezerlanditti sa'aa booda 2:00 irrattii bakka mana murtii seera aadunyaa hanga teessuma caffee mootummaa Netherlands itti deemuun moormii motummaan wayyaanee dhiittaa mirga ummata Oromoo fi mancahinsa saba Oromoo iraatti raawwataa jiru mootummaan Dutch akka beekuu fi dhiibbaa barbaachisu akka irratti godhu gaafatameera.
Dhumma hiriira kanaa irrattis Biyya Oromiyyaa irraa dabalatee namootni 30n biyyoota adda adda iraa bakka buánii dhaabbata UNPO waliin gara caffee mootumaa biyya Netherlands seenuun ibsa baláa caffeef kennuudhaan, mootummaan Dutch kabaja mirga uummatattota biyya isaanii keessatti sarbamee jiruf akka qaqqabuu qabuu fi tarkaanfii fudhachu malu irratti barreeffamaa fi qaamaan dhiheessameera.
Bakka buutuun UNPO fi qindeessituu hiriirichaa kan taan Ms Maggie caffee mootummaa Netherlandiif kan dhihaate yaadni furmaataa fi ibsi eejetnoo, kan sagalee Oromoo dhageessisee fi biyaa haaraa Oromiyaa jedhamtu akka jirtu kan hubachiise turee fi bakka bu'aan caffee Dutchis waaée Oromoo fi Oromiyaa jala buánii hordofuu akka barbadani waadaa galuu dhaan, nama dhiimicha abbummaan isaan quba qabsiisu bakka buusifatanii jirani.
Dhumma irrattiis bakka buutuun UNPO Ms maggie yoommuu yaada isaanni guddunfan Sagaleen fedhiin ummatoota bakka buáa hin qabne dhagahamuun akkaan barbaachisaa ta'u isaa eeranii, Fakkeenyaaf ummani Oromiyyaa akka yadda isaanni ibsatannii fi heyyama argachuun sagalee isaanni dhaggeessisu qabu jedhaniru. Ummatni Oromiyyaa keessaa dararamaa jira akkasumas uummati addunyaa , kanaaf dacha dachaan hojannee rakkkolee kana dhabamsiisu qabna jedhani jiran.
Hiriira kana irratti Oromoon huccuu aadaa Oromoon faayamanii argaman waan ta’eef, hiriira sana keessatti eenyummaan Oromoo caalatti akka mul’atu taasiseera. Namoota hirmaatan birattis aadaan Oromoo akka hubatamuu fi baramu godheera. Itti dabaluun Hiriira kana irratti waaéen dhimma Oromoo eenyummaan alaabaa ABO gurra namootaa fi sabaa himaalee /media/gara garaa kan hawwatee oole ture.
Magaalaa The Hague kan maadheeffate dhaabbatni UNPO jedhu dhaabbata miti mootummaa ta'ee uummattoota sagaleen isaanii dhukkamsamee jiruuf bakka buée kan falmuufii dha.
Dhaabbatni kuni yeroo amma kana ummata Oromoo dabalatee warreen mirgi isaanii sarbamee jiru gara 54 ta'an ardii hunda irraa of-jalatti qabatee sochoáa kan jiru ta'u isaa ibsamee jira.
Jaallan Workshop kan muddee 09/12/09 UNPOn qopheesse ilaalchisee gabaasa bal'aa qophesseen jira.
Injiffannoo Uummata Oromoof !
Gadaan Gadaa Bilisummaatti!
***
Gabaasaa Qinda'eef D/A/B/ Konyaa Nederlands irraa